Kadhannaan kennaa humna guddaa qabu Waaqayyo biraa nuuf kenname dha; nutis Waaqayyo kadhannaa saba Isaa dhaga’ee akka deebisu ni amanna. Haalli isin keessa jirtan maal iyyuu yoo ta’e: gammachuu, shakki, dhukkuba, yookaan waan feetan yoo qabaattan, Isin kophaa keessan miti; nutis isin wajjin kadhachun kabaja guddaa nutti dhagahama.
Waldaa Kiristaanaa Oromoo Warra Wangeelaa Ebenezer keessatti, wal bira dhaabachuun kadhannaadhaan wal deeggaruuf kutannoodhaan hojjanna. Yoo feetan gaaffii kadhannaa keessani foormii armaan gadiitti fayyadamuun nuuf qoodaa. Gaaffiin keessan of eeggannoo fi iccitummaadhaan ni qabama; Lubni fi gareen kadhannaa keenyaa immoo amanamummaadhaan fuula Gooftaa duratti dhiheessu.
Akkuma Caaffanni Qulqullaa’aan nu yaadachiisu, “Gooftaan warra isa waammatan hundumaatti dhihoo dha” (Faarfannaa 145:18). Nuti immoo akka fedhii Isaatti Waaqa jajjabina, fayyina, qajeelfama, fi nagaa fiduuf hojjetu ni amanna.
---------- ---------- ---------- ----
Prayer is a powerful gift from God, and we believe He hears and answers the prayers of His people. No matter what you are facing—whether joy, uncertainty, pain, or need—you are not alone, and we would be honored to pray with you.
At Ebenezer Oromo Evangelical Church, we are committed to lifting one another up in prayer. Please share your prayer request using the form below. Your request will be handled with care and confidentiality, and our prayer team will faithfully bring it before the Lord.
As Scripture reminds us, “The Lord is near to all who call on him” (Psalm 145:18). We trust God to work according to His will, bringing comfort, healing, guidance, and peace.